Yaa’iin idilee marsaa 13ffaa federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa gaggeffame
Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Yaa’iin idilee marsaa13ffaa federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa Magaalaa Mojootti gaggeffame.
Federeshinichi erga hundaa’ee hojiilee gurguddoo Oromiyaa keessaatti hojjechuu walitti qabaa boordii Federeeshinii waldoota hojii gamtaa qonna Oromiyaa Obbo Asaffaa Lammaa yaa’icharratti ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddifataniif galtee qonnaa biyya alaatii galchuu fi oomishni qonnaan bulaa gabaa akka argatuuf hojjechaa turuu eeraniiru.
Bara kanas hojii al ergii gama keenyaan hojjetameen biyya keenyaaf sharafa biyya alaa Doolara kuma 600 ol argamsiisuu dandeenyerra jedhaniiru.
Oomishinni qonnaan bulaa gabaa giddugaleessatti akka dhiyaatuuf Magaalaa Finfinnee gabaa “markaato”tti lafa fudhachuun giddugala gabaa ijaaruun hojii eegaluus himaniiru.
Gama hojii inveestimeentii keessattis hojiilee milkaa’ina qabu hojjechuus kaasaniiru.
Bara kana hongee biyya keenya muudateen lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii miliyoona 2 ol taasisuu himaniiru.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.