Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Idilee Federeeshinii Dargaggoota Oromiyaa 3ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Yaa’iin Idilee Federeeshinii Dargaggoota Oromiyaa 3ffaan magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.

Yaa’icharratti Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee hoggantoonni fi dargaggoonni naannichaa argamaniiru.

Bakka buutoonni federeeshinii dargaggoota naannolee hundarraa hirmaatanis yaa’icharratti argamuun aantummaa fi deeggarsa dargaggoota Oromiyaatiif qaban argisiisuu eerameera.

Yaa’ii idilee dargaggoo Oromiyaa 3ffaa kanaan Pireezidaantii fi itti aanaan Pireezidaantii, Koreen hoji raawwachiiftuu fi manni mare federeeshinii haaraan ni filatamu jedhame.

Tibbeessoo Dheekkamootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.