Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idilee Caffee Oromiyaa boru kan eegalu ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Yaa’iin Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Adoolessa 13  kan eegalu ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurahmaan ibsan.

Caffeen Oromiyaa, xumuura Waggaa 1ffaa kanatti Yaa’ii gaggeessaa jiruun Adoolessa 10 Bara 2014 Kokasiin Dubartoota Miseensota Caffee dookumantiiwwan Yaa’ii kanaaf dhiyaatan irratti marii kan taasisan yoo ta’u, Adoolessa 11 fi 12/2014 ammoo, Miseensonni Caffee hundi dookumantiiwwan qophaa’an irratti marii garee gaggeessuu irratti argama jedhaniiru.

Caffeen Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii 6ffaa, Adoolessa 13/2014 irraa eegalee ifaan banuun kan gaggeessuufi ajandaalee gurguddoo Yaa’ichaaf qabaman irratti gadi fageenyaan kan mari’atu ta’uu ibsaniiru.

Ajandaaleen gurguddoon Caffeen Yaa’ii kanaan irratti ni mari’ata jedhamee eegamus, Gabaasa Raawwii Hojiiwwan Bara 2014fi Kallattii Karoora Bara 2015 qaamolee mootummaafi Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa, akkasumas, wixinee Labsii Baajata Dabalataa Bara 2014, Wixinee Labsii Baajata Bara 2015fi ajandaalee biroo qabaman irratti ta’uu ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.