Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Idilee 6ffaan Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Yaa’iin idilee 6ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Caffee Oromiyaa gaggeeffamuu eegale.

Tarkaanfiiwwan addaa misoomaa uummataa si’eessuuf eegalaman daandii milkii qabataniiru imala badhaadhinaa milkeessuuf garuu cichoomina cimaa gaafata jedhan Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan baniinsa walgahii Caffeerratti ergaa dabarsaniin Inisheetiivii milkeessuu keessatti qoodni qonnaan bultootaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Milkaa’ina kanaafis hirmaannaa cimaa qooda fudhattoonni taasisan galateeffataniiru.

Hojiileen misoomaa karoora addaan hojjechuuf hojiitti galameenis bu’aan argamuu eeruu OBN gabaaseera.

Hawwii misoomaa hunda galeessaafi Imala dheera qabame bira gahuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Qaamni seera baaftuun hawaasa keessa naanna’uun milkaa’inoota, hanqinootaafi dhimmoota furamuu qaburratti xiyyeeffannaan hojjechaa turuu eeraniiru.

Nageenya waaressuufis obbolummaa dhugaa waloo qabate cimsuun nagaan karaa nagaan qofa akka dhufuuf hojiin mootummaan hojjetaa ture laayyoo akka hin taane ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.