Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hundeeffama Mana Murtii Aadaa Beddellee taa’aamaa jira

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Godina Buunnoo Beddelleetti Yaa’iin hundeeffama Mana Murtii Aadaa Magaalaa Beddellee taa’aamaa jira.

Labsii Caffeen Oromiyaa mana murtii aadaa hundeessuu baasee bu’uuraa taasifachuun barbaachisummaa isaa fi akkaataa hojiimaataa irratti, Preezdaantiin Mana Murtii Magaalaa Beddellee Obbo Tasfayee Gamteessaa, barreeffama dhiheessaan irratti mari’atamera.

Hirmaatoonnis, Oromoo duudhaa sirna Gadaa safuu seeraa fi aadaa bareedaa seera qabeessuummaan hundaa’uunisaa gammachuu guddaatu nutti dhagahamaa jedhaniru.

Kantiibaan Magaalaa Beddellee Obbo Tsagayee Tashoomaa, manni murtii aadaa Magaalaa Beddellee safuufi aadaa ummataa eeguun ummata akka tajaajilaan deeggarsa barbaachisaa ta’ee ni taasifna jedhan.

Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Buunnoo Beddellee Aadde Hinseene Mirkannaa, manin murtii aadaa hariiroo hawaasaa kan cimsuu, akka Oromootti injifannoo guddaan kan ilaalamu jedhan.

Obbo Tasfayee Gamteessaa manni murtii aadaa bilisaan kan hojjatan ta’an, jarsooliin mana murtii hawaasaa biratti fudhatama kan qaban ta’uu jedhan.

Jiraattoonni koree filachuun jarsooliin mana murtii aadaa ta’an nama 5 filannoo gaggeessani jiru.

Namoonni filataman hawaasaa sirnaan tajaajiluuf qophii ta’uu dubbaachuu OBN gabaaseera

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.