Yaa’iin hundeeffama Kookasii dubartootaa filatamoo marsaa 6ffaa Mana maree Bakka Bu’oota Uummataan gaggeeffame
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Yaa’iin hundeeffama Kookasii dubartootaa filatamoo marsaa 6ffaa Mana maree Bakka Bu’oota Uummataan gaggeeffamuu ibsame.
Kookasichi waggaa shan shaniin manni mare haaraan wayita hundaa’u kan waliin hundaa’u ta’uu fi kaayyoon isaa hirmaannaa gama maraa, mirgaa fi faayidaa dubartootaa kabachiisuuf ta’uu ibsameera.
Hirmaannaa gama maraa fi fayyadamummaa dubartootaa haala guutuu fi bu’a qabeessa ta’een mirkaneessuuf kookisichi cimee hojjechuu akka qabu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Marechaa aadde Loomii Badhoon yaadachiisaniiru.
Hundeeffama yaa’ichaan karoorri istiraateejii waggoota 5 fi karoorri bara baajataa 2014 dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamuu fi sagalee guutuun ragga’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.