Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantootaa Afrikaa rakkoo tokko malee akka xumuramuuf qophii amansiisaan taasifameera- Poolisii

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Yaa’iin Hoggantootaa Afrikaa rakkoo tokko malee akka xumuramuuf qophii amansiisaan taasifamuun gara hojiitti galamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Daayrektarri quunnamtii uummataa Poolisii magaalichaa Ittaannaan Koomaandaraa, Maarqoos Taaddasaan, yaa’ichi karaa nagaan akka gaggeeffamuuf Humna Waloo Nageenyaa waliin karoora waloo qopheessuun qophii barbaachisaan taasifamuu ibsaniiru.

Qaamoleen nageenyaa keessummoota haala kamiin dabaaluufi eeguu akka qaban irratti shaakala gochaa taasisuu kaasaniiru.

Yaa’ichi hanga xumuramutti nageenya keessummootaa eegsisuuf damee maraan qophii amansiisaan taasifamuun gara hojiitti galamuu kaasaniiru.

Bakkeewwan keessummoonni boqotan hoteelotaafi dhaabbilee tajaajila kennan biroo waliinis haala walitti dhufeenyaan waliin hojjechuun danda’amu uumamuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Hawaasnis haalota garaagaraan keessummootaaf dursa kennuuniifi kabaja barbaachisu agarsiisuun deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafachuun, wayita haalota shakkisiisoo argan gama toora bilbila poolisii magaalichaa 011 111 0111 yookaan ammoo 991 bilbiluun eeruu akka kennan waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.