Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa hariiroo waloo caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qaba – Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo
Finfinnee,Mudde 7, 2017 (FMC) – Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan hariiroo waloo Itiyoophiyaa caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.
Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa fi Walga’ii Idilee Hojii Raawwachiiftootaa 46ffaa ilaalchisee Tola Ooltootaa Pirootokoolii fi qajeelchitootaaf leenjiin kennamuu eegaleera.
Yaa’icha milkiin gaggeessuuf Itiyoophiyaan qophiilee garaagaraa taasisaa jiraachuu Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.
Yaa’ichi Itiyoophiyaa beeksiisuu fi hariiroo waloo caalmaatti cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan bakka ga’umsa Tuurizimii idil addunyaa fi Ardichaa ta’uu ishee caalmaatti beeksisuuf lammiileen hundi Ambaasaaddara ta’uu akka qabu Ambaasaaddar Burtukaan yaadachiisaniiru.
Walga’iin Idilee Hojii Raawwachiiftootaa Gamtaa Afrikaa 46ffaan Guraandhala 5 – 6, 2017 Finfinneetti gaggeeffama.
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan ammoo Guraandhala 8 -9, 2017 kan gaggeeffamu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia