Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan nagaan akka xumuramu qophiin taasiifamuun gara hojiitti galame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa fi Hojii Raawwachiiftootaa 44ffaan nagaan akka xumuramu qophii barbaachisu taasiisuun gara hojiitti galamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiise.

Humni Waloo Tikaa fi nageenyaa Yaa’ii fi Walga’ii idilee Gamtaa Afrikaa tibba kana magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee ibsa kenneera.

Taateewwan gurguddoo hanga ammaatti sadarkaa biyyaatti gaggeeffameerratti hojiileen nageenyaa hojjetaman jajjabeessaa ta’uu gamaaggama taasiiseen hubachuu eereera.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan Guraandhala 9- 10, 2016 fi Walga’iin Idilee Hojii Raawwachiiftoota Gamtichaa 44ffaan Guraandhala 6 -7, 2016 magaalaa Finfinneetti taa’amu karaa nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa hedduun hojii teeknooloojiin deeggarame hojjechaa jiraachuu ibsa isaan himeera.

Oppireeshinii qindoomaa Poolisiin Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee gaggeessaniin nageenyi magaalaa Finfinnee amansiisaa akka ta’u taasiifamuungamaaggamichaan mirkanaa’uu himeera.

Nageenyaa waaraa argamee fi Oppireeshiniin gaggeeffame bu’aa qabeessa akka ta’u hirmaannaan ummataa qooda olaanaa qabaachuu ibsa isaan eereera.

Caasaaleen nageenyaa hundi gahee hojii isaa fudhachuun naannawaa hundatti nageenyi akka mirkanaa’u itti gaafatamummaa isaa bahachaa jiraachuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.