Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan jalqabamee hanga xumuramutti sochiin Mootar Saayikilii dhorkame

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan jalqabamee hanga xumuramutti sochiin Mootar Saayikilii dhorkamuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Humni Waloo Nageenyaa Biiroo Geejjiba Magaalaa Finfinnee waliin dabarseen haala nageenyaa haala barbaachisuun hogganuu fi keessummootaaf simannaa barbaachisaa ta’e taasisuuf akkasumas dhiphina tiraafikaa to’achuuf guyyaa boruu( Amajjii 27, 2014) irraa eegalee guyyoota sadiif sochiin mootar saayikilii sa’aatii kamittuu dhorkamaa ta’uu ibsameera.

Dhorkichi mootar saayikiliiwwan qaamoleen nageenyaa itti fayyadaman ala mootar saayikiliiwwan biroo kutaa magaalichaa hunda keessa socho’an kan ilaallatu ta’uu eerameera.

Abbootiin mootar saayikiliiwwanii fi konkolachistoonni ergaa kana hojiirra akka oolchan humni waloo kun ergaasaa dabarseera.

Warren ergaa kanarra darbanii argaman irratti tarkaanfii cimaan kan fudhatamu ta’uu ibsuu isaa ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.