Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan jalqaba baatii Guraandhala 2012 gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 23,2012 (FBC)-Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan Guraandhala 1 fi 2 Finfinneetti ni gaggeeffama.
 
Yaa’ii kana hordofuuf miidiyaaleen 320 biyyoota garagaraa irraa galmaa’uu isaanii Abbaan Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Miidiyaaleen kunneen Ardii Afrikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaarraa kan dhufan ta’uutu ibsame.
 
Miidiyaalee Yaa’ii kana gabaasuuf dhufan keessummeessuuf baatii tokkoon dura qophiin eegalamuu, Abbaan Taayitichaa ibseera.
 
Hanga guyyaa kaleessatti miidiyaaleen idila addunyaa 320 galmaa’uu isaanii daayreektarri damee miidiyaa alaa obbo Mahammad Sa’id dubbataniiru.
 
Abbaan Taayitichaa ogeeyyiin miidiyaalee Viizaa akka argataniif Eejansii galmeessa ragaalee lammumaa fi Immigreeshiif maqaa isaanii erguu dubbataniiru.
 
Miidiyaaleen kunneen eeyyama gabaasaa fudhachuun hojii isaanii haala akka raawwataniif qaama dhimmi ilaalu hunda waliin hojjetamaa jiraachuu obbo Mahammad himaniiru.
 
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 33ffaan kun mata duree ‘Ardii sagaleen dhukaasaa keessatti hin dhaga’amne gochuun misooma isheef haala yaa mijeessinu’ jedhuun gaggeeffama.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.