Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afrikaa 33ffaan eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afrikaa 33ffaan Finfinnee galma gamtichaatti eegalame.
 
Yaa’ichi mata duree ‘ walitti bu’iinsaa fi waraana dhaabuun, misooma Afrikaaf haala mijata yaa uumnu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
 
Yaa’ii kanarraatti Preezdaantoonni, Muummeen Ministirootaa, itti aantoonni preezdaantii biyyoota Afrikaa 30 ol ta’aniii fi ministiroonni dhimma alaa biyyoota 7 hirmaachaa jiru.
 
Baniinsa yaa’ichaarratti dura taa’aa yeroo ta’uun waggaa tokkoof tajaajilaa kan turte Gibtsiin Afrikaa Kibbaaf aangoo kan dabarsitu ta’a.
 
Yaa’iin kunis dursummaa Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaaniin gaggeeffama jedhame.
 
Yaa’ichi murtoowwan garagaraa ni dabarsa jedhamee eeggama.
 
Gabaasni raawwii ajandaawwan bara 2063 Ardichaa dhiyaachuun hoggantoota kanneeniin maal irra akka jiru ni gamaaggamama jedhameera.
 
Gabaasichi diinagdee hawaasa naannichaa 6 fi misooma itti fufaa fi guddina diinagdee galma ajandaa 2063 milkeessuuf biyyoota Afrikaa 31 keessatti hojjetame gadi fageenyaan ilaala jedhame.
 
Barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee, hoggantoonni dhaabbilee idil addunnyaa fi Ardiilee garagaraa yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Finfinneetti argamu.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.