Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkaa’aa akka ta’uuf qophiin taasifamuun eerame

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa akka milkaa’uuf qophii gahaan taasifamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsa kennaniin, koreen biyyalessa hundaa’uun baatiiwwan sadan darban hojiilee bal’aan hojjechuu dubbataniiru.

Baranas yaa’iin gamtichaa kan bara darbeerraa haala adda ta’een akka milkaa’uuf dhaabbilee 35 waliin qophiin duraa barbaachisan qindoominaan hojjetamu ibsaniiru.

Keessummoonni yaa’ichaa turtii taasisaniin tajaajila mijataa fi saffisaa akka argatan haalduree barbaachisoon gaggeeffamuu akeekaniiru.

Yaa’icha gabaasuufis miidiyaaleen biyyaa keessaa fi alaa hedduun galmaa’uu himan.

Qiddisti Birhaanuu fi Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.