Yaa’iin Filannoowwan Imaammata ce’umsa haqa biyyoolessaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC) – Qindeessummaa Ministeera Haqaan yaa’iin Filannoowwan Imaammata ce’umsa haqa biyyoolessaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Pireezidaantoonni naannolee, Walitti qabaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aariyaa, Ministiroonnii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa argamaniiru jedhame.
Sarbama mirga namoomaa yeroo garaagaraatti raawwatee fi waldhabdee jiru karaa sirrii ta’een furuuf Imaammanni ce’umsa Haqaa murteessaa ta’uu isaan bu’aa qabeessummaa isaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministira Dhimma Alaa yaa’icharratti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.