Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin dhaabbilee mootummaa magaalotaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Yaa’iin dhaabbilee mootummaa magaalotaa 9ffaan Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa jira.
 
Yaa’ichaan raawwiin baatiiwwan ja’an bara 2016 qoratameera.
 
Ministirri Ministeeraa Magaala fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin, bu’uuraalee misoomaa magaalotaa, bu’uuraalee misoomaa magariisaa, hojmaataa fi gurmaa’ina hojiilee indaastirii konistirakshinii dabalatee dameewwan hedduun jijjiiramoonni galmaa’aa jiraachuu ibsan.
 
Kaka’umsa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin pirojektoota guguddaa fi hojiilee deebisanii misoomsuu dabalatee, wabii nyaataa misoomawaa magaalotaa fi filmaatawwan misooma manneenii akkasumas qophii fooramii magaalotaaf hirmaannaa taasifameen bu’aa argame fakkeenyummaan eeraniiru.
 
Fuuldurattis tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuu fi kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun itti gaafatamoota jiran miira biyyaalessummaa fi dhaabbatummaan bahachuu qabna jedhaniiru.
 
Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.