Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiya duula deeggarsa namoomaa walitti qabuu eegale
Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa duula deeggarsa namoomaa ariifachiisaa walitti qabuu eegaluu ibsameera.
Yaa’ichi rakkoo Ityoophiyaa mudateen lammiilee deeggarsi namoomaa ariifachiisaan barbaachisuuf duula deaggarsa walitti qabuu eegaluu isaa beeksiseera.
Yaa’ichi haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Deeggarsichi laammiilee kutaalee Ityoophiyaa garaagaraa keessatti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun rakkoof saaxilamaniif kan ooludha jedhame.
Duulli deeggarsaa kun lakkoofsa herreegaa biyya keessaa fi Alaatti banamaniin eegalamuu ibsameera.
Haaluma kanaan biyya keessatti lakkoofsa herreegaa Baankii Daldala Ityoophiyaa 100043059125 Yaa’ii dhaabbilee Amantaa deeggarsa namoomaaf akkasumas biyya alaatti lakkoofsa herreegaa Baankii Daldala Ityoophiyaa 010001300080 minister of peace Ethiopian religious institution relief fund kan jedhurratti deeggarsa taasisuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.
Firehiyiwoot Saffiiwutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.