Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Qaammee 3-5, 2015 sagantaan kadhannaa fi qalbii jijjiirrachuu qophaa’uu ibse

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Qaammee 3 – 5, 2015 sagantaan kadhannaa fi qalbii jijjiirrachuu qophaa’uu ibseera.

Jibbiinsarra qulqullaa’uun bara haaraa jaalalaa fi abdiin simachuuf sagantaa qophaa’e ta’uu eerameera.

Sagantaan kadhannaa fi qalbii jijjiirraa guyyoota 3f turu kun dhiifama waliif gochuun naannawaa fi biyya waloon ijaaruuf yaadame kan qophaa’e ta’uu Barreessaan yaa’ichaa Lubni Taagaay Taaddalaan ibsaniiru.

Akkaataa sagantichaan Qaammee 3 Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Masjiidoota hunda keessatti sirni kadhannaa akka gaggeessu, Qaammee 4, ammoo Manneen Amantaa Adveentiistii Guyyaa 7ffaa keessatti sirni kadhannaa akka gaggeeffamu sagantaan qophaa’uu ibsaniiru.

Qaammee 5 Manneen Amantaa Ortodoksii Waloomaa, Kaatolikii, Gamtaa Amantoota Wangeelaa, Makaana Iyyasuusii fi Qaalahiwat sirni kadhannaa fi sagantaa barnootaa kan gaggeeffamu ta’uu Lubni Taagaay eeraniiru.

Dabalataan Qaammee 5 Addabaabayii Michummaatti hordoftoonni Amantaalee hundaa fi hoggantoonni Mootummaa bakka argamanitti sagantaan kadhannaa xumuraa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Zara’aqoob Yaa’iqoobii fi Meeroon Mulgeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.