Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa waliigaltee kutaalee Ityoophiyaa garagaraatti hojjechuuf dandeessisu mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa kutaa Ityoophiyaa adda addaatti hojii ijaarsa nageenyaa, duudhaalee waloo fi nageenyarratti akkasumas walitti bu’iinsa dhaabuu hojjechuuf dandeessisan irratti sanada waliigalte mallatteesse.

Dhaabbatichi Baankii Internaashinaalii Awaash waliin ta’uun hojiiwwan adda addaa hojjechuufi waliigalticha kan mallatteesse.

Sanada waliigaltichaas Preezdaantii Baankichaa obbo Tsahaay Shifarraaw fi barreessaan waliigalaa dhaabbatichaa Qees Taagaay Taaddalaan mallatteessuu ragaan yaa’icharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.