Yaa’iin Dhaabbilee amantaa magaalaa Finfinnee marii gaggeessaa jiru
Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee mata duree ‘Duudhaalee Amantaaleen waliin qabnu Nageenyaa fi Tokkummaa biyyaatiif’ jedhuun marii gaggeessaa jiru.
Barreessaan Olaanaan Yaa’ii dhaabbilee Amantaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee ‘’Meggaabii’’ Taammiraat Abagaaz, kaayyoon marichaa dhaabbileen amantaa haala qabatamaa biyyaa akkasumas dhibbaa keessaa fi alaan biyyatti muudataa jiru hubachuun ejjennoo tokko qabatanii haala qinda’aa fi gurmaa’een nageenyaa fi tokkummaa biyyaa eegsisuu qabu jedhan.
Dhimmoota Birmadummaa biyyaa fi bilisummaa uummataaf ga’ee dhaabbilee amantaa,Paabiliik dippiloomaasii fi oddeeffannoo sobaa ittisuuf ga’ee dhaabbilee amantaa jedhu irratti kan mari’atamu ta’uu ibsaniiru.
Abbootiin amantaa barreeffama dhiyyeesaninis Biyyi kennaa Waaqayyoo namootaaf kenneedha, kennaa Waaqaa kununfachuu fi guddifachuun dirqama dhaabbilee amantaati jedhan.
Nageenyaa fi birmadummaa biyyaa eeggachaa waa’ee biyyaa hordoftootaaf hubachiisuu murteessadha jechuun dubbatan.
Olaantummaa seeraa kabachisuuf Gooticha Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenya deeggeruun itti gaafatamummaa olaanaan dhaabbilee amantati jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.