Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbata Gamtaa Ajajoota Poolisii Bahaa Afrikaa Kiigaalitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC)- Yaa’iin 26ffaa Dhaabbata Gamtaa Ajajoota Poolisii Bahaa Afrikaa Ruwaandaa Kiigaalitti gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.

Yaa’icharratti Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabramikaa’el hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbiilee Poolisii Naannawichaa waliin tumsaan hojjechuuf carraa gaarii kan uumuuf ta’uun himameera.

Gamtichi Dhaabbilee Poolisii naannawichatti argaman walitti qindeessuun gamtaan yakkoota daanga cee’oo ittisuuf gahee isaa bahachaa jiraachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.