Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin dargaggootaa fi guddatootaa 5ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)-Yaa’iin dargaggootaa fi guddatootaa 5ffaan galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Sirna fayyaa dhaqqabummaa fi Qulqullina qabu dargaggoota hundaaf “ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Bakka Bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi qondaaltoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Dooktar Maqdas yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, sirna fayyaa dhaqqabummaa fi qulqullina qabu itti fufiinsaan ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dargaggoota biyyaaf hojjetanii fi naamusa gaarii qaban horachuuf qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Ministeerichi fayyaa dargaggootaa fi guddatootaaf dhaabbiilee tumsitootaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.