Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin carraa hojii uumuu Afrikaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) – Yaa’iin carraa hojii uumuu Afrikaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Yaa’ichi Waxabajjii Waxabajjii 30, 2015 hanga Adoolessa 2, 2015tti kan gaggeeffamu ta’uu ibseera.

Ministeerichi Yaa’ii Hojii Biyyaalessaa bara baraab gaggeessaa kan ture yoo ta’uu, Barana sadarkaaAfrikaatti gaggeessuuf qophii xumuruu Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilahuun ibsaniiru.

Yaa’ichi sadarkaa Ardiitti qophaa’uun isaa dhimmoota carraa hojii uumuurratti waloon hojjechuuf faayidaa kan qabu ta’uu Obbo Nigusuun ibsaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.