Yaa’iin Caffee Oromiyaa oolmaan guyyaa 2ffaa itti fufeera
Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idileesaa 14ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessu guyyaa 2ffaa itti fufeera.
Har’a raawwii hojii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaggeeffachuun eegaleera.
Preezdaantiin Mana Murtii Walii Galaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal raawwii hojii bara 2013 manneen murtii dhiyeessaniiru.
Manneen Murtii naannichaa galmee %94.68 raawwachuu himaniiru. .
Raawwaan baranaa kunis seenaa mana murtii Ormomiyaa keessatti raawwii ol’aanaa ta’uu dubbataniru.
Naamusa badaa maqsuuf hojii hojjatameen komiin naamuusaan wal qabatee dhiyaachaa ture xiqqaateera.
Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan akka xummuuramuuf dhaddachi addaa dhaabbatee yeroo gabaabaa keessatti murtii kennaa turuu eeraniiru.
Dhimmoonni 56 murtii argachuu kaasaniiru.
Hojii tajaajiila seerummaatiin ala Ashaaraa Magariisaa waliin wal qabatee biqiltuu kuma 25 dhaabuusaani fi maaddi biyyaaf birrii miiliyoona 3 ol gummachi taasifamu obbo Gaazaaliin ibsaniru.
Bara 2014tti dhimma ragaa sobaa fi himannaa sobaatiin wal qabatee jiru hunderraa hiikuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjachuu,qaamoolee deeggarsa addaa barbaadan kan akka daa’immanii,dubartootaa fi qaama miidhamtootaa ilaalchisee haqni akka hin jallanne xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechuuf karoorfamuu himaniiru.
Hundeeffama Mana Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa hojiirra akka oolu qaama dhimmi ilaaluu waliin xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Preezdaantiin Mana Murtii Walii Galaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal miseensoota caffeetiif ibsaniru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.