Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Bulchiinsa Marsariitii Biyyaalessaa Ityoophiyaan qopheessitu Hagayya 28, 2014 gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Yaa’iin Bulchiinsa Marsariitii Biyyaalessaa yeroo jalqabaaf Hagayya 28, 2014 Finfinneetti akka gaggeeffamuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolojii beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ballaxaa Mollaa, qophii yaa’ichaa taasifama jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Yaa’iin bulchiinsa marsariitii jalqabaa kun qaamaa fi oonlaayiniin kan gaggeeffamu yoo ta’u, qaama yaa’ii bulchinsa marsariitii idil addunyaa 17ffaa akka ta’e ibsaniiru.

Yaa’ichi faayidaa marsariitiin diinagdee fi hawaasummaaf qabu, dhimmoota waliingahiinsa marsariitii akka mirga bu’uuraatti ilaalamuu qaba jedhamanirratti xiyyeeffachuun akka mari’atamu ibsaniiru.

Marsariitiin faayidaa qabuun alatti yakkoota marsariitii odeeffannoo, haasawaa jibbiinsaa, tamsaasa oduuwwan sobaa fi burjaajessoon miidhaa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa kan qabuudha jedhanii, yaa’ichaan dhimmoota kanneen irratti yaadonni furmaata kan dhiyaatan ta’a jedhaniiru.

Yaa’ichi yaa’ii bulchiinsa marsariitii idil addunyaa 17ffaa Ityoophiyaan gaggeessituuf bu’uuraa jedhaniiru.

Fuulduratti maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruuf, hojiilee Ityoophiyaa addunyaatti argisiisuu, dhagaa’amtummaa Afrikaattis ta’e addunyarratti qabdu guddisuu, dhaabbilee idil addunyaa waliin hariiroo uummachuun akkasumas sharafa alaa argachuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Yaa’ichan murteewwan dirqamsiisoon kan murtaa’an utuu hintaane dhimmoota dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa murteessuu dandeessisanirratti ragaaleen imaammataaf yaada ka’umsaa ta’anii tajaajilan kan ka’an ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.