Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Barnootaa sadarkaa magaalaa 31ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) –Yaa’iin Barnootaa Sadarkaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee 31ffaan gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.

Yaa’iichi mata duree “Tattaaffiin Olaanaa Qulqullina Barnootaa fi Badhaadhina Biyyaaf” jedhuun guyyoota lamaaf turu gaggeeffamu eegaleera.

Yaa’iicharratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Hogganaan Biiroo Barnoota magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuu fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Aadde Adaanech yaa’icharratti ergaa dabarsaniin, dhimmoota hunda dura seektara barnootaaf baajata guddaa ramaduun dhaloota badhaadhina biyyaa itti fufsisuu danda’u horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan gama isaaniin Bulchiinsi Magaalichaa bu’uura qulqullina barnootaa eegsisuu fi daa’imman mana barnootaa irraa sababa rakkoo hawaasummaatin akka hin hafnef hojiin hojjete bu’aa qabatamaa fidu ibsuu isaanii AMN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.