Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Barnootaa 32ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Yaa’iin Barnootaa Biyyaalessaa 32ffaan mata duree ”Qulqullina barnootaa guddina hunda galeessaaf“ jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Barnoota Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Somaalee Obbo Ibiraahim Usmaan, Pireezidaantoota Yuunivarsiitiiwwanii, qondaaltonni damee barnoota naannoolee fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Yaa’ichi oolmaa har’aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaan rakkoolee mudatan, raawwii qormaata bahiinsaa yuunivarsitii, kallattiiwwan fuulduraa, dhimmoota misooma bulchiinsa barsiisoota fi sirnaa ragaa diriirsuurratti gabaasni qorannoo kan dhiyaatu ta’uun ibsameera.

Yaa’ichi boru Sadaasa 19, 2016 dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun kan xumuramu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.