Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Barnootaa 31ffaan boru Magaalaa Hawaasaatti ni gaggeeffama

Finfinee, sadaasa 8,2015 (FBC)- yaa’iin Barnootaa 31ffaan mata duree“ Madaallii Cimaa Qulqullina Barnootaaf “ jedhuun  guyyaa boruu magaalaa Hawaasaatti ni gaggeeffama.

Yaa’iichi guyyaa boruu irraa eegalee hanga Sadaasa 10, 2015’tti kan gaggeeffamuu ta’uu ibsameera.

Yaa’icha dura guyyaa har’aa gamaaggamaa raawwiifi karooraarratti Pireezidaantoota Yuunivaarsiitiiwwaniifi Hoggantoota Waajjira Barnootaa Naannoolee waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi dameelee barnootaa hundaan adeemsa amma jiruufi gara fuuladuraarratti gadi fageenyaan kan mari’atamuu ta’uun eerameera.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.