Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin barnootaa idil addunyaa gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa yaa’ii barnootaa idil addunyaa viidiyoo konfiraansiin hirmaata jiru.

Yaa’icha Gaanaa, Norweey,Ingiliizii fi Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii barnootaa, saayinsii fi aadaa (UNESCO ) waliin kan qophaa’eedha jedhameera.

Yaa’ichi dhimma barnoota saayinsii, manneen barnootaa sababa covid-19 cufaman deebi’anii banuu, adeemsa baruu fi barsiisuu fi barnoota diigitalaarratti xiyyeeffanno kan taasisedha.

Yaa’icha irratti xiyyeeffannoon barnoota idil addunyaa 2021 maal ta’uu akka qaburratti kallattiin gara fulaa duraa fi murtoon ni darbaan eegama.

Yaa’icharratti hoggantoota biyyoota garagaraa, ministiroonni barnootaafi imaammaata baastoonni idil addunyaa baasaan hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Barnootarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.