Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin barbaachisummaa marii biyyaaleessaa irratti xiyyeeffate Harariitti gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 18,2015 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa yaa’ii barbachisummaa marii biyyaaleessaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Hararitti gaggeeffame.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa, marii biyyaaleessaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf yaadame milkeessuuf kaleesaa irraa barachuun barbaachisaa jedhan.

Duudhaa gaarii kan ta’e nageenya itti fufsisuuf waliigaltee biyyaaleessaa irrattii hojjechuun kan barbaachisuu ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Hararii Obbo Xilaahuun Wadiraa gama isaaniin, nageenyaa waaraa Ityoophiyaa mirkanneessuuf mari’achuu kan barbaachisuu ta’uu ibsaaniiru.

Waltajjii marichaarratti barreeffamni qorannoo dhiyaachuun kan irratti mari’atamuu ta’uun ibsameera.

Waltajjicharratti Abboottii Amantaa, Jaarsoolii biyyaa, Abbootii Gadaa fi qooda fudhattoonni biroon hirmataniiru.

Miniyaahil Mallastu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.