Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Aveeyishiinii Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Yaa’iin Aveeyishinii Afrikaa mata duree “ Gabaa Qindaa’aa Geejjiba Qilleensaarra Afrikaa Hatattamaan Hojiirra Oolchuu” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi qopheessummaa Ityoophiyaan gaggeeffamaa kan jiru ta’uu ibsameera.

Piroojektiin Gabaa Qindaa’aa Geejjiba Qilleensarraa qaama ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa ta’uu Barreessaa Olaanaa Komishinii Siivil Aveeyishinii Afrikaa Adiifuunkee Adiiyeemiin yaadachiisaniiru.

Adeemsa piroojekticha dhugoomsuu keessatti Ityoophiyaan gahee bahachaa jirtuuf galateeffataniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii kallattii gara biyyoota Afrikaa 35’tti taasisaa jiraachuun isaa gahee olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Piroojektichi walitti hidhamiinsa diinagdee cimaa Afrikaa uumuuf kaayyeffatame dhugoomsuuf shoora olaanaa waan qabaatuuf hojiirra oolmaasaaf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hojiirra oolmaan piroojektichaa imaltoota dabalataa miiliyoona 15.9 kan imalchiisu, namoota kuma 597 carraa hojii kan uumuufi galii waggaa waliigalaa Doolaara biiliyoona 4.2 kan argamsiisu ta’uu eerameera.

Piroojektichi hojiirra akka ooluuf Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa biroon 36 mallatteessuu ibsameera.

Biyyoonni kunneen gahee gabaa Aveeyishinii Afrikaa %80 warreen qaban ta’uu ibsameera.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.