Yaa’iin ariifachiisaa Komishinaroota Poolisii Ityoophiyaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Yaa’iin ariifachiisaa Komishinaroota Poolisii Ityoophiyaa mata duree “ Duula Tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Yaa’icharratti Komishinara Komishinii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel dabalatee koomishinaroonni Poolisii naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaachaa jiraachuu eerameera.
Yaa’ichi haala nageenya yeroo Ityoophiyaarratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Yaa’ichaan injifannoowwan duula birmadummaa biyyaa kabachiisuun argaman, raawwii fi haala duulicha sadarkaa olaanaatti ceesisuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.