Yaa’ii Mana Marechaa cinaatti Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa waliin mariin taasifameera- Ambaasaaddar Diinaa Muftii
Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Yaa’iin Mana Maree Hoji raawwachiiftota Gamtaa Afriikaa 40ffaa gaggeeffamaa jiruun cinatti Ministiroota Dhimma alaa Tuuniziyaa, Morookoo fi Komooros waliin mari’atamuu Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himan.
Yaa’iin mana maree raawwachiistota Gamtaa Afrikaa 40ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru guyyaa hardhaas itti fufeera.
Yaa’ichi oolmaasaa hardhaatiin haala dhibeewwan ittisuu fi to’achuun danda’amurratti mari’achuu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Afrikaan baajata amansiisaa qabaattee damee fayyaa ammayyeessuu akka qabdu ibsamuu Ambaasaaddar Diimaan ibsa miidiyaaleef kennaniin eeraniiru.
Manni marichaa yeroo marii itti aanutti wixineewwan ajandaa marii yaa’ii hoggantoota gamtichaa 35ffaarratti dhiyaatan irratti kan mari’atu ta’uu dubbataniiru.
Yaa’ii hojii raawwachiistotaa cinatti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Dammaqaa Makonnin Ministiroota Dhimma Alaa Moorookoo, Tuuniziyaa fi Koomooros waliin mari’achuu eeraniiru.
Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.