Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa xumurame
Finfinnee, Amajjii 25, 2017 (FMC) – Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa guyyoota sadiif mata duree ‘Waadaa hanga aadeffannaatti’ jedhuun taa’amaa ture xumurameera.
Yaa’iichi ibsa ejjennoo abbaa qabxii 8 baafachuun xumurameera.
Yaa’ichi Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii, akkasumas Obbo Tamasgeen Xirunaa fi Adam Faaraah Itti aantoota godhee filachuun xumurame.
Hojiilee misoomaa hundagaleessa hawaasa hirmaachise caalmaatti cimsee akka itti fufu mirkaneessera.
Bilisummaan miidiyaa akka kabajamu akkasumas, qaamolee ergama diigumsaa qabanirratti murannoon qabsaa’uu kan itti fufu ta’uu ibsa ejjennoo isaan hubachiiseera.
Tattaaffiwwan faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf eegalaman cimanii itti fufu jedheera.
Nageenyaaf dursa kennuu fi walitti bu’iinsa hambisuuf hoggantoonni fi miseensonni paartichaa hundi akka hojjetan kallattii kaa’eera.
Hanga yaa’ii itti aanutti kan jedhamee ol hojjechuu fi kan eegamuu ol raawwachuun Itiyoophiyaa Badhaadhina hundagaleessatti ceesisuuf abdii qabaachuu paartichi ibsa isaan himeera.
Bara olka’iinsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bifa hirmaachisaan ta’een ni hojjetama jedheera.
Haqa lammiilee eeguuf tajaajila dhaabbilee haqaa ammayyeessuu,Ijaarsa Dhaabbilee jabeessuu,Dinagdee guddaa ijaaruuf mul’ata qabame milkeessuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu ibseera.
Barnoota qulqulluu dhalootaaf kennuu, fayyummaa hawaasaa eeguu, Seenessa waloo gabbisuun tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun cimee itti fufa jedhe.
Hojii Dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa dursanirratti kutannoon hojjechuun hojii adda aduree ta’uu mirkaneessera.
#0romiyaa #Ethiopia