Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa oolmaasaa guyyaa 3ffaan Pireezidaantii fi Pireezidaantoota Itti Aanaa paartichaa filachaa jira

Finfinnee, Amajjii 25, 2017 (FMC) – Yaa’iin Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti ta’aamaa jiruun Pireezidaantii fi Pireezidaantoota Itti Aanaa paartichaa filachaa jira.

Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa kun bakka hirmaattoonni kumni 2 fi 100 ol argamanitti dheengadda eegaluun kan yaadatamuudha.

Yaa’ii kana irratti paartiileen obboleeyyanii biyyoota ollaa fi paartilee obboleyyanii biyyoota miseensa BRICS dabalatee hoggantoonni olaanoo fi keessummonni biyyoota adda addaarraa dhufan 400 ol ta’an hirmaachaa jiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.