Yaa’ii Gamtaa Afrikaarraa fayyadamuu qabna-Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)-Ityoophiyaan nagaa taatee Yaa’ii Gamtaa Afrikaa keessumeessuun, carraan argamerraa fayyadamuu qabna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech turtii addatti Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisaniin nageenyii biyyaa eegamee daandii guddinaarra wayita jirtutti yaa’ii Gamtaa Afrikaa keessummeessu danda’uun carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis carraa argametti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Yaa’iiwwaan olaanaa keessummeessuun ijaarsaa maqaa gaarii biyyattiif gumaacha olaanaa qabaachuu cinaatti sharafa alaa waan argamsiisu keessummoota naamusa gaariidhaan keessummeessuun murteessa ta’uu himaniiru.
Jiraattonni magaalattis yaa’iin kun Ityoophiyaan obbolummaa biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuu garasitti bu’aa guddina biyyaatti keessatti qabuu hubachuun duudhaa Ityoophiyummaa fi naamusa gaariidhaan jalqabamee hanga xumuramutti haa keessummeessinu jechuun dhaamaniiru.
Minaalee Gabayyootu gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.