Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi Awuroopparratti hirmaachaa kan jiran MM Abiy Ahimad hojiilee fayyadamummaa Afrikaa mirkaneessan raawwataniiru jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi Awuroopparratti hirmaachaa kan jiran Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hojiilee fayyadamummaa Afrikaa mirkaneessan raawwataniiru jedhameera.
Yaa’ii Waloo Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa marsaa 6ffaan Beeljiyeem magaalaa Biraasilsitti gaggeeffamaa jiru dhimmoota fayyadamummaa biyyoota miseensa gamtaalee kanneenii mirkaneessanirratti mari’ataa jira jedhame.
Yaa’icharratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa hedduun argamaniiru jedhame.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yaa’icharratti yaadoota Ityoophiyaa fi Afrikaaf fayyadan kaasuu isaanii ibsameera.
Yaa’icha cinaatti Preezdaantii Faransaay Imaanuu’eel Maakroon dabalatee hoggantoota biyyoota addunyaa garaagaraa waliin dhimmoota hariiroo waloo cimsanirratti mari’ataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad diinagdee Afrikaa sababa weerara vaayrasii koroonaan hubame deeggaruun barbaachisaa ta’uu yaa’icharratti kaasuu isaanii Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasanin ibsaniiru.
Sadarkaa idil addunyaatti guddinni hundagaleessa ta’e akka dhufu tumsi Faayinsaansii Afrikaa giddu galeessa taasiifate jiraachuu akka qabu kaasaniiru jedhan.
Gamtaan Awurooppaa bu’uuraalee misoomaa Afrikaa cimsuuf kan oolu Yuuroo biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 50 deeggarsa taasiisuuf waadaa galuu isaa dinqisiifachuun, deeggarsi misooma biroos cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Deeggarsoonni Afrikaaf taasiifamu haala Ajandaa 2063 fi galmoota misoomaa waaraan mirkaneessuu danda’uun ta’uu akka qabus Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yaa’icharratti dubbachuu Aadde Salamaawiit kaasaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad marii waloo yaa’icha cinaatti taasiisaniin adeemsa Ityoophiyaatti nagaa buusuuf adeemamaa jiru hubachiisuu isaanii eeraniiru.
Yaa’icharratti yaadoota fayyadamummaa Ityoophiyaas ta’ee Afrikaa mirkaneessuu danda’an kaasuu isaanii eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.