Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii dureewwaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Yaa’ii dureewwanii Gamtaa Afrikaa 37ffaan milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Yaa’icha ilaalchisee ibsa kan kenneen Ministir Deetaan tajaajilichaa Salamaawiit Kaasan, Jiraattoonni magaalaa Finfinnee turtiin keessummoota yaa’ichaa miidhagaa akka ta’uuf gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Ololli mootummaa Somaaliyaan dhiyaate kunuunsa Itiyoophiyaan keessummootaaf taasiifte kan hin madaalle ta’uu eeraniiru.

Hoggantoota hundaaf garaagarumaa tokko malee simannaa fi kunuunsii taasiifamuufii himaniiru.

Itiyoophiyaan akka biyya qopheessituutti itti gaafatamummaa guutuu fudhachuun hojjechuu ibsaniiru.

Meeshaalee waraanaa qabachuun gara yaa’ichaa seenuuf yaaluun, xiyyeeffannoo argachuuf olola hin malle oofuun waan ajaa’ibaa kan ture ta’uu ibsa isaaniin kaasaniiru.

Rakkoon uumame bilchina qaamolee nageenyaa gamtichaan furamuu himaniiru.

Yaa’icha keessummeessuuf hojiin qophii duraa eegalee hojjetame milkaa’aa turuu himuun, yaa’ichaan bu’aalee jajjaboon argamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.