Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii dureewwan Afrikaa keessummeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Yaa’ii dureewwan Afrikaa 37ffaa fi Walga’ii Mana Maree Hoji Raawwachiistuu 44ffaa keessummeessuuf qophiin duraa taasifamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.

Sagantaa Baatii Guraandhalaa dhufu gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee miseensota koree biyyaalessaa waliin mariin gaggeeffameera.

Walitti Qabduun Koree Sagantichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, Itiyoophiyaan waggaa waggaan yaa’ii dureewwanii fi walga’ii idilee Mana Maree Hoji raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa kan keessummeessitu ta’uu ibsaniiru.

Saganticha sadarkaa olaanaan qopheessuuf dhaabbileen 22 ol miseensa kan ta’an koreen biyyaalessaa hundaa’uu ibsaniiru.

Karooricha milkeessuuf olaantummaan itti gaafatamni isaa kan Ministeera Dhimma Alaa ta’uu eeranii, saganticha haala milkaa’een xumuruuf dhaabbilee Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan milkaa’ina hojii dippilomaasii damee hedduu kan ta’e yaa’iin Gamtaa Afrikaa faayidaa biyyaalessaa qabaatu hunduu hubachuun damee bobba’erratti milkaa’ina isaaf gumaacha taasisuu qaba jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.