Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Chayinaa-Afrikaarratti Itiyoophiyaan qabeenya invastimantii ishee beeksiste

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Yaa’ii Walta’iinsaa Chayinaa-Afrikaarratti Itiyoophiyaan qabeenya invastimantii ishee beeksiste.

Yaa’icharratti kan hirmaataan Itti Aanaa Komishinaraa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, Itiyoophiyaan qabeenyaa invastimantii damee qonnaa, maanufaakchariingii, tuuriizimii, ICT, albuu, Inarjii fi filmaatawwan kanneen biroon akka qabdu ibsa kennaniiru.

Fooramii bizinasii yaa’icharratti gaggeeffamerratti abbootii qabeenyaa fi dhaabbileen Chaayinaa dameewwan invastimantii garaagaraa 600 ol irratti bobba’an hirmaachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.