Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii ariifachiisan hoggantootaa IGAD 38ffaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 11, 2013 (FBC) – Yaa’ii ariifachiisaan hoggantoota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 38ffaa Jibuutiitti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii ariifachiisaa hoggantootaa kanarratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee, hoggantoonni Sudaan, Keeniyaa, Soomaaliyaa, Komishinarri Komishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat fi barreessaa olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo argamaniiru.
Dura taa’aan yeroo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Preezdaantiin Sudaan Abdallaa Hamdook biyyoonni miseensa dhaabbatichaa weerara vaayrasii koroonaa fi hoomaa Awwaannisaa ittisuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhatanii fi ce’umsa demookraasii Sudaan Kibbaa dinqisiifataniiru.
Dhimmoota hedduurratti deebii waaraa laachuuf hariiroo hoggantoota kanneenii ajaa’ibsiifataniiru.
Yaa’iin kun naannichatti dhimmoota deebii ariifachiisaa barbaadan irratti kallattii barbaachisu kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat gama isaaniin mootummaan Ityoophiyaa tokkummaa biyyaa eeguuf hojii cimaa hojjete dinqisiifataniiru.
Lammiilee sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisaanii ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.