Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii 33ffaa dureewwan Gamtaa Afrikaatif qophiin taasifamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Yaa’ii 33ffaa dureewwan Gamtaa Afrikaatif qophiin taasifamuu poolisiin beeksise.

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuuf qophii ga’aa taasisuusaa poolisiin beeksiseera.

Yaa’ichi Gurraandhala 1,2012 eegalee guyyootii lamaaf gaggeeffama.

Qophiin lafoo fi qilleensarraa taasifamuus Koomiishiniin Poolisii Federaalaa fi Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksisaniiru.

Hojii eegumsaa fi nageenyaa Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Finfinnee, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Oromiyaa, dhaabbileen nageenyaa qindoominaan kan hojjetan ta’a.

Jiraattonni magaalichaas yaa’ichi akka milkaa’u tumsa barbaachisaa akka taasisan gaafatameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.