Yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa hirmaachisaa ture- hirmaattota yaa’ichaa
Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa bilisaa fi hirmaachisaa ta’uusaatiin guddina diimokiraasii Ityoophiyaaf bu’uura kan kaa’e ta’uu hirmaattonni yaa’ichaa ibsan.
Yaa’ichi erga eegalamee har’a guyyaa 3ffaa yoo ta’u oolmaasaa kaleessaan Preezdaantii fi Ittaanaa Preezdaantii filuun ni yaadatama.
Dabalataan Yaa’ichi Koree giddugaleessaa paartichaa fi gabaasa Komishinii to’annoo fi inispeekshinii dhaggeeffachuun raggaasiseera.
Hirmaattonni yaa’ichaa karaa nagaa fi diimokiraatawaa ta’een yaadasaanii ibsachaa fi hirmaannaa taasisaa turuu ibsameera.
Yaa’ichaan hirmaattonni naannolee Ityoophiyaa hundarraa dhufan akka kanaan dura cina dhaabbatanii ilaalaa kan hin turree, hirmaannaa walqixa ta’e taasisuu fi ga’ee hoggansaa ba’achuu hirmaattonni kunneen eeraniiru.
Yaa’ichaan kanaan dura deeggartoota jedhamuun hirmaattota kan hin taane amma garuu dhimma biyyasaaniirratti qixa hirmaachaa jiraachuu Miseensi koree hojii raawwachiistuu paartichaa Ambaasaaddar Nabiil Mahaadii ibsaniiru.
Yaa’ichi dimookiraatawaa fi hirmaachisaa ta’uu ibsuun guddina diimokiraasii Ityoophiyaaf bu’uura kan kaa’u ta’uu eeraniiru.
Hirmaachisummaan yaa’icharratti mul’ate ijaarsa diimokiraasii fi badhaadhina Ityoophiyaa akka dhugoomuuf agarsiistuu ta’uu hirmaattuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Beenishaangul Gumuz irraa dhufan aadde Abarraash Dachaas.
Ityoophiyaanonni hundi qixa hirmaachaa jiraachuun isaanii yaa’icha yaa’iiwwan kanaan dura gaggeeffamaa turan irraa adda kan taasisu ta’uu Ittaanaan Komishinara To’annoo fi Inispeekshinii paartichaa obbo Jamaal Radii ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.