Fana: At a Speed of Life!

Yaa’i Gadaa Sadeen Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraa muuduu eegale

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC)-Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Oli Gabbisaatti Yaa’i Gadaa Arboora, Hawaxxuu fi Koonnituun Waggaa 8ffaa isaaniitti Baalli Gadoomaa Eebbaan dabarsee kennuuf, hangafa laduu shanaan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraa raadaa fi goromsaan muuduu eegale.

Yaa’i Gadaa Arboora Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo hanganftittiin kormaa fi goromsaan muudee qumbii eebbaa fudhachuun qe’eetti kan deebi’ee fi Yaa’i Hawaxxuu Abbaa Gadaa Adii Jaldeessaa yeroo ammaa Ardaa Jilaa Oli Gabbisaa qe’ee Qaalluutti simatamuun muuda irra jirachuu Waajjiri Aadaafi Tuuriizimii Godina Booranaa beeksiseera.

Erga Yaa’i Hawaxxuu qumbii eebbaa fudhatee Yaa’i Koonnituu muudee, qumbii eebba fudhachuun xumurachuu Hayyuun Gadaa Kuraa Jaarsoo Obbo Diida Galgaloo himan.

Muuda hangafa laduu shanan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraatti aanee torbee tokkoon booda Galma dhawaa Maxxaarrii dhaabuun, jilatanii muudi Qaalluu Karrayyuu fi Qaalluu Maxxaarrii karaaraa kan ittifufu ta’uu Abbaan Gadaa Kuraa Jaarso himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.