Fana: At a Speed of Life!

Yaadonni Dooktar Abiy Badhaadhina Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane kan Afrikaallee mirkaneessuuf gargaaru-Paartii AK Turki

Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)- Yaadonni Ministira Muummee Itiyoophiyaa fi Pirzidaantiin Paartii Badhaadhinaa Ministira Muummee FDRI Doktar Abiy Itiyoophiyaa irra darbee badhaadhina naannichaa fi Afrikaa dhugoomsuuf akka fayyadan Dura Taa’aa Ittaanaan Paartii AK Turki Zaafar Siiraakaayaa beeksisan.

Zaafar Siiraakaayaa yaa’ii Paartii Badhaadhinaarratti haasawaa taasisaniin, Doktar Abiy yaadawwan jajjaboo fi ergaa guguddaa of keessaa qaban dabarsaniiru jechuun jajan.

Yaadota kanneen hojiitti hiiknaan Itiyoophiyaa badhaate qofa osoo hintaane naannawaa Gaanfa Afrikaa fi guddina Ardii Afrikaa dhugoomsuun akka danda’amu kan amanan ta’uu himaniiru.

Ministirri Muummichaas yaada isaanii hojiitti akka hiikanii fi yaa’icharrattis murtiiwwan Itiyoophiyaarra darbee nagaa fi misooma Afrikaaf furmaata ta’an akka murtaa’an abdii qaban ibsaniiru.

Turki fi Itiyoophiyaan walabummaa isaanii kabachiifachuurratti gootummaa walfakkaataa akka qaban himuun, seenaanis walitti dhufeenya cimaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Bara 1920 kan eegalame hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii yeroo sanarraa kaasee daldalaan, aadaan, barnootaa fi dameewwan biroon guddachaa fi dagaagaa milkaa’ina dippiloomaasii hedduu galmeessisaa itti fufuus ibsan.

Paartiin AK’s Itiyoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uusheetiin xiyyeeffannoo addaa akka kennuu fi walta’iinsa misoomaa fi fayyadamummaa walootiif ciminaan kan hojjetu ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.