Fana: At a Speed of Life!

Yaadni murtoo qaamolee kontroobaandii irratti bobba’an irratti tarkaanfii fudhachuu dandeessisu ifoome

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa Koomishinii Gumruukaa waliin ta’uun Yaada murtoo qaamolee kontroobaandiifi daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfii fudhachuu dandeessisu ifoomse.

Kontroobaandiifi daldala seeraan alaa ilaalchisuun Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa fi Koomishiniin Gumruukaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin gochoota seer-maleessummaa ittisuuf murtoowwan armaan gadiitti eeraman darbuu ibsameera.

1ffaa. Namni dhuunfaa, dhaabbanni daldalaa, dhaabbanni tajaajila geejjibaa kennu kamuu wayita oomishaalee daldala al-ergii fe’anii socho’anitti oomishaaleen fe’an gabaa alaaf kan dhiyaatan ta’uufi seera qabeessummaa qaama erguu kan mirkaneessu eyyama daldala alaa(Export Permit)fi sanadoota daldala alaaf barbaachisan biroo harkatti osoo hin qabatiin socho’uunii fi keellaawwan gumruukaa darbuun dhorkaa ta’uu yaadachiiseera.

2ffaa. Heera mootummaa federaalaa keewwata 55/2B jalatti “ Daldala naannolee gidduutti taasifamuufi hariiroo daldala alaa ilaalchisee aangoon kan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ta’uusaa yaadachiiseera.

Haaluma kanaan bu’uura labsii lakkoofsa 1263/2014 keewwata 22’n eyyama daldala alaa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan kennamuun ala qaamolee raawwachiistota naannoleen eeyyamni, gaggeessituuwwaniifi ragaaleen biroon kennaman fudhatama kan hin qabne akkasumas daldaltoota itti gaafatamummaaf kan saaxilu waan ta’eef qaamoleen raawwachiistotaa naannolee ragaalee kanneen akka hin laanne murtoo dabarseera.

3ffaa. Raawwii murtichaa hordofuuf Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi Komishinii Gumruukaa akkasumas Poolisii Federaalaarraa gareen oppireeshinii hundaa’e biyyattii kutaalee garaagaraatti bobba’uun tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatuuf murtoon darbuu ibsameera.

Qaamolee murtoowwan kanneen irra darbanii argamanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiisuun, gochaalee isaaniirraa akka of qusatan yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.