Fana: At a Speed of Life!

Yaadni murtoo Gamtaan Awurooppaa waa’ee Ityoophiyaa ilaalchisee dhiyeesse fudhatama hin qabu – Filiippiinsi

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Yaadni murtoo Gamtaan Awurooppaa waa’ee Ityoophiyaa ilaalchisee dhiyeesse fudhatama kan hin qabne ta’uu Filiippiinsi ejjennoo ishee ibsite.
Naannoo Tigraayitti dhiittaan mirga namoomaa raawwatameera jechuun yaada murtoorratti mari’achuuf beellamni gamtaan Awurooppaa qabate fudhatama kan hin qabne ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Filiippinsi Eevaan Gaarshiyaan ibsaniiru.
Kaayyoo olaanaan Komishinii ogeeyyii mirga namoomaa idil addunyaa Ityoophiyaatti dhiittaa mirga namoomaa naannoo Tigraayitti raawwatame jedhame qulqulleessuu osoo hin taane giddu seentummaa fi birmadummaa biyyootaa dhiibuuf fedhii kan qabu akka ta’etti kan fudhatan ta’uu Itti gaafatamaan mana Hojii Ministiraa dhimma alaa Filiippinsi Teeyoodoor Looksiin ibsaniiru.
Biyyoonni kunneen ofii isaaniif sarbama mirga namoomaa hedduu raawwachuu fi rakkoo isaaniif furmaata kan hin keenye ta’uu eeraniiru.
Mana Maree Mirga Namoomaa fedhii dhuunfaa isaanii eegsiisuu fi badii isaanii dhokfachuuf fayyadamuurraa of qusachuu akka qaban gaafataniiru.
Adeemsa seeraa malee dhimma biyyootarratti murtoo laachuun birmadummaa biyyootaa sarbuurra darbee dandeettii Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan dadhabsiisu ta’uu eeraniiru.
Adeemsi kun yoo hin sirreeffamne Filiippinsi waltajjicha kan mormitu ta’uu akeekkachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.