Yaadni Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa calaqqeessisan sobaa fi fudhatama kan hin qabneedha – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Yaadni Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa calaqqeessisan sobaa fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa ibsi kaleessa kennan ragaa dhugaa kan hin bu’ureeffanne, qaamolee mootummaa humnaan kuffisuun aangoo qabachuuf socho’an, lammiilee nagaa ukkaamsanii fi shororkeessan waliin mootummaa caqasuun waan fudhatama hin qabne ta’uu ministeerichi beeksiseera.
Ergaan Ambaasaaddarichaa hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii kan hin madaallee fi faallaa ta’uu himeera.
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo isaanii cimsuun dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi idil addunyaarratti waliin hojjechuu eeruun,Itiyoophiyaan dhimmoota nageenyarratti Ameerikaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu himeera.