Fana: At a Speed of Life!

Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS irratti kaafte fudhatama argateera – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS 16ffaa irratti kaafte hedduun isaa fudhatama argachuu Daayrektarri Jeneraalaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.

Yaa’ichaan cinaatti mariin waloo hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan qooda naannawaa Baha Afrikaatti qabduun walqabatee biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qaban agarsiisuu dubbataniiru.

Ergaawwan Itiyoophiyaan waltajjii BRICS irratti dabarsite harki caalu fudhatamu argachuu isaa ibsaniiru.

Akkasumas yaadni Itiyoophiyaan dhiyeessite ajandaa waltajjichaa ta’uu eeraniiru.

Mariin waloon gaggeeffames hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu caalmatti cimsuuf carraa kan uume marii daraan bu’aa qabeessa ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.