Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoon galmee UNESCO sirna Gadaa Oromoo waggaa 4ffaa magaalaa Bulee Horaatti sirnoota garaagaraatin kabajamaa jira

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC)- Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Yuunvarsiitii Bulee Horaa fi godina Gujii Lixaa waliin ta’uun yaadannoo galmee UNESCO sirna Gadaa Oromoo waggaa 4ffaa sirnoota garaagaraatin kabajaa jira.
Yaadannoon kun magaalaa Bulee Horaatti baatii Amajjii 1fi 2 ni kabajamaa jedhameera.
Magaalichatti yaadannoon galmee UNESCO kun sirnoota garagaraa kanneen akka Kora Gadaa fi agarsiisa sadarkaalee Gadaa Oromoo Dabballee-Gadamoojjii akkasumas agarsiisa meeshaalee fi nyaata aadaa garagaraatiin kabajamaa jira.
Yaadannichi bakka keessummoonni sadarkaa naannoo fi federaalaa, akkasumas Abbootiin Gadaa fi ummanni baldhaan argametti kan kabajamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa beeksisan.
Kaayyoon kabaja yaadannoo galmee UNESCO sirna Gadaa Oromoos bara baraan galmee Gadaa dhaadhessuu qofaaf osoo hin taane duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessatti argaman cimsuu, jajjabeessuu fi beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaarraa argame ni muul’dhisa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.