Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoon Jeneraal Taaddasaa Birruu 100ffaan Onkoloolessa 13rraa eegalee kabajama

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC) – Yaadannoon gootummaa Birgaader Jeneraal Taaddasaa Birruu waggaa 100ffaa sirnoota garaagaraan Onkoloolessa 13 irraa eegalee kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu koreen qindeessituu sagantichaa ibseera.

Hojii Gaggeessituu olaantuu Faawundeeshinii Janaraal Taaddasa Birruu Aadde Tsahaay Taaddasaa, Hayyuu siyaasaa Oromoo Obbo Leencoo Lataa, Gaazexeessaa Dammaqaa Nagaasaa , Aadde Zuufaan Urgaa fi Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa Obbo Hundee Kabbadaa sagantichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Walitti Qabaa fi Qindeessaan Koreechaa Dammaqaa Nagaasaa, Onkoloolessa 13, 2015 irraa eegalee sirnoota garaagaraan torbeewwan 8’f sirni yaadannoo gotichaa akka gaggeeffamu himaniiru.

Sagantaan yaadannoo kun Eebba kitaabaa mataduree ‘Dannabaa Hanga Finfinnee’ jedhu, sagantaa wal dorgommii fiigichaa magaalota 46 keessatti dhaadannoo “Hunduu Haa Baratu” jedhuun, waldorgommii gaaffii fi deebii akkasumas argisiisa suuraatiin kan kabajamuu ta’uu ibsaniiru

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.